|
Labsii Walii-gala Mirgoota NamummaaMurtoo Wal-ga'ii Walii-gala kan Dhaabbata Waldaa Mootummootaatiin qabxii 217 A (iii) jalatti Mudde baatii 10 bara 1948 itti Akka Murteeffamee, Ragga'ee Labsametti. SEENSAUlfinni fi wal-qixxummaan ilmoo namaa kan uummattoota hundaa akka ifatti kabajamu gochuun bu'ura bilisummaa, haqaa fi nageenya addunyaa waan ta'eef; Mirga namummaa irra ijjechuun yookaan tuffachuun yeroo hunda jeequmsa badiisa fidu uumee uummata kan dheekamsiisu waan ta'eef, akkasumas addunyaa haaraa kan uummanni ishee wal-qixxummaadhaan, bilisummaa yaadaa fi amantii argatanii, yaaddoo fi dhaba irraa birmaduu ta'anii gammachuudhaan akka jiraatan gochuun hawwii fi fedha uummattoota addunyaa waan ta'eef; Uummanni bulchiisa rooroo fi cunqursaa ofirra kuffisuuf humnaan akka hinfayyadamnetti yoo barbaachise, mirgooti namummaa seeraan akka eegamu gochuun barbaachisaa waan ta'eef; Biyyoota gidduutti walitti-dhufeenyi michumaa fi wal-jaalalaa akka dagaagu gochuun barbaachisaa waan ta'eef; Miseensoti Waldaa Mootummoota hundi chartarii waldichaa keessatti mirga namummaa irratti, ulfina namaa irratti akkasumas wal-qixxummaa namoota hundaa (dhiiras ta'ee dubartii) irratti amantee qaban kan ibsan waan ta'eef; Akkasumas guddina hawaasummaa fi wayyaawuu sadarkaa jireenyaa fiduuf kan murannoodhaan hojjetan waan ta'eef; Miseensoti Waldaa Mootummootaa marti, Dhaabbata Waldaa Mootummootaa wajjin wal-ta'uudhaan kabajaan walii-galaa kan mirga namummaa fi kan bilisummaa hundaa akka eegamuuf waadaa waan seenaniif; Mirgootaa fi bilisummaa kana akka gaariitti hubatanii beekuun waadaa kana hojii irra oolchuuf guddisee kan gargaaru waan ta'eef; Kanaafuu Wal-ga'iin Walii-gala Waldaa Mootummootaa: Labsii Waliigala Mirgoota Namummaa kan uummattoonni fi biyyooti hundi walii-galteedhaan kabajan labsuudhaan, tokkoon- tokkoon uummataa fi qaamoti hawaasaa marti labsii kana hubatanii yeroo hunda akka kabajan, labsii kana barsiisuudhaan mirgootii fi bilisummaan hundi akka kabajaman akka carraaqan, karaa tarkaanfii sadarkaa biyyaa fi addunyaatti fudhatamaniinis mirgootii fi bilisummaan kun akka kabajaman akka godhan, kunis immoo uummattootaa fi miseensota Waldaa Mootummootaa giduutti akka hubatamu akka godhan jecha, labsii kana labseera. Qabxii 1Namooti hundinuu birmaduu ta'anii mirgaa fi ulfinaanis wal-qixxee ta'anii dhalatan. Sammuu fi qalbii ittiin yaadan waan uumamaan kennameef, hafuura obbolummaatiin walii-wajjin jiraachuu qabu. Qabxii 2Namni kamiyyuu mirgootaa fi birmadummaa labsii kana keessatti ibsaman, garaagarummaa sanyii, bifaa, saalaa (dhiiraa fi dubartummaa), qooqaa, amantii, ejjennaa siyaasaa, sablammummaa, hawaasummaa, qabeenyaa, dhalootaa fi waan biraatiin utuu addaan hin ba'in, ni argata. Kana malees immoo, garaagarummaan kamiyyuu karaa siyaasaa, karaa biyyummaa, karaa wal-caalmaa sadarkaa bulchiisa biyyaa fi karaa adda-addaa hin godhamu. Qabxii 3Namni kamiyyuu mirga jiraachuu, birmadummaa argachuu fi mirga qaamni isaa eegamuu ni qaba. Qabxii 4Namni homtuu garbummaa jalatti hin bulu, garbummaa fi daldalli garbaa bifa kamiin iyyuu dhorkaa dha. Qabxii 5Namni kamiyyuu reebichii fi gidiraan hammeenyaa yookaan immoo wanti ulfina namummaa isaa hanqisu yookaan kan hammeenyaan adabsiisu irra hin ga'u. Qabxii 6Namni kamiyyuu akka namummaa isaatti seera duratti beekame kabajaa argachuu qaba. Qabxii 7Namoonni hundi seera fuula duratti wal-qixxee ilaalamanii, garaagarummaa tokko malee, eegumsa seeraa argachuu qabu. Namoonni hundinuu waan labsii kanaan mormee isaan addaan qoodu hundumaa irraa eegamuu qabu. Qabxii 8Namni kamiyyuu mirgoota heeraan yookaan seeraan isaaf kenname cabsuudhaan waan isa hubu hundumaa irraa karaa mana murtii yookaan yaa'ii biyyaa eegumsa argachuuf mirga ni qaba. Qabxii 9Namni kamiyyuu garmalee hin hidhamu, biyyaas hin ari'atamu. Qabxii 10Namni kamiyyuu yeroo yakkaan himatamee mirgooti isaa fi ittigaafatamni isaa murteeffamutti, qaama loogii irraa birmaduu ta'etti dhiyaatee sirrii, qajeeltoo fi wal-qixummaadhaan gaafatamuuf mirga ni qabaata. Qabxii 11
Qabxii 12Namni kamiyuu mirgi inni mana isaa keessa, qofaa isaa ykn. maatii isaa wajjin jiraachuuf qabu, yookaan mirgi inni ergaa xalayaa isaa dhoksaadhaan akka eegamuuf qabu jalaa hin tuqamu. Ulfinni namummaa isaa fi ulfinni maqaa isaas hin tuqamu. Namni kamiyyuu hubaatii ykn. yaalii akkanaa irraa seeraan ni eegama. Qabxii 13
Qabxii 14
Qabxii 15
Qabxii 16
Qabxii 17
Qabxii 18Namni kamiyyuu bilisummaa yaaduu, samuu fi amantii ni qaba. Mirgi kun, namni kamiyyuu, amantii yookaan amantee filate qabachuu yookiin fudhachuu, amantii fi amantee isaa qofaa isaatti yookiin namoota biraa wajjin ifatti yookiin dhunfaatti waaqefachuu, hordofuu, hojii irra olchuu, barsiisuu yookiin ibsuu of keessaa qaba. Qabxii 19Namni kamiyyuu ilaalcha isatti fakkaate qabachuu, yaada isaas ibsuuf mirga qaba. Mirgi kun, dhiibbaa tokko malee yaada isaa ibsuu, odeeffannoo fi yaada kamiyyuu walitti qabuu fi karaa meeshaa tamsaasaa daangaan utuu itti hin godhamin dabarsuu of keessaa qaba. Qabxii 20
Qabxii 21
Qabxii 22Namni kamiyyuu, akka miseensa hawaasichaatti, wabii hawaasaa argachuuf mirga ni qaba. Karaa carraaqa biyyaa fi waliigaltee addunyaas, akkasumas akka qabeenyaa fi caasaa biyya isaattis, ulfinaa fi guddina mataa isaaf waan barbaachisaa ta'an mirgoota dinagdee, hawaasummaa fi aadaa ni qaba. Qabxii 23
Qabxii 24Namni kamiyyuu boqonnaa fi bashannana argachuuf, yeroo muramaa hojjechuuf, akkasumas mindaa isaa argachaa boqochuuf mirga ni gaba. Qabxii 25
Qabxii 26
Qabxii 27
Qabxii 28Namni kamiyyuu mirgootii fi bilisummaan labsii kana keessatti tarreeffaman marti, akka hojiitti hiikamaniif sirna hawaasaa fi addunyaa irraa waan barbaadamu hunda ni argata. Qabxii 29
Qabxii 30Wanti labsii kana keessatti ibsame hundi, mirgootaa fi bilisummaa ibsaman cabsuuf yaadamee, yookiin gocha tokko raawwachuuf jedhamee, akka waan mootummaa tokko, yookin dhaabbata tokko yookiin nama tokko ilaalu jedhamee lakka'aamu hin qabu. |
= |